Ogeessi teeknika meeshaalee yaalaa Hospitaala Adoolaa, Godina Gujii, Oromiyaa kibbaa, meeshaa qilleensa irraa oksijiinii yaalaaf oolu oomishuu fi qulqulleessuun kallattiidhaan gara ujummoo oksijiinii hospitaalichaatti dabarsu hojjeteera. Dhaabbilee fayyaa Itoophiyaa hanqina oksijiiniitiin rakkatan kaaniifis dhiyeessuuf karoorfateera.
Meeshaan Abbayituu jedhamu kun kan hojjetame Mudhataa Bariisoo, dargaggeessa umuriin isaa waggaa 30 ta'een. Dorgommii biyyaalessaa Naggaadras jedhamu, kan miidiyaadhaan deeggaramu irratti dorgomtoota 1,000 ol keessaa sadarkaa lammaffaa argateera. Badhaasni isaa maallaqa callaa qarshii 500,000 fi carraa liqii qarshii miliyoona 10 argachuu of keessaa qaba. Mudhataan Ebla 2027 irraa eegalee meeshaa kana oomisha daldalaaf dhiyeessuuf karoorfateera.
Akka Mudhataan jedhetti, meeshaan kun humna elektirikii xiqqaa fayyadamuun oksijiinii qilleensa keessaa adda baasee, “nageenyaan, amanamummaadhaanis gara ujummoo oksijiinii hospitaalicha keessatti duraan jiruitti dabarsa.” Qorannoo inni taasiseen qulqullinni oksijiinii meeshaa irrattiis ta'e bakka ujummoon oksijiinii dhukkubsattoota biraan ga'utti dhibbeentaa 96 ta'uu isaa ibseera.
Abbayituun Hospitaala Adoolaatti gara waggaa tokkoof hojjechaa tureera. Akka Mudhataan jedhetti, meeshaa kana qopheessuuf waggaa tokkoo fi ji'a shan itti fudhate; baasii tilmaamaan qarshii miliyoona lama gaafateera.
Siilindarii irraa gara ujummoo oksijiiniitti
Mudhataan hospitaalicha keessatti waggaa sagal oliif hojjechaa tureera. Yeroo oksijiiniin hospitaalichaa dhumu dhukkubsattoonni rakkoo keessa galuu fi hojjettoonni siilindarii oksijiinii waliin rakkachuu argee meeshaa kana hojjechuu isaa ibse. “Yeroo oksijiiniin dhumu deebisanii guutuun rakkisaa ta'a. Meeshaaleen sunis ulfaatoo fi sochoosuuf nama rakkisu,” jedhe. Siilindaroonni dhiibbaa olaanaa waan qabaniif yaaddoo nageenyaas akka qaban ibseera. Abbayituun garuu yaa'a oksijiinii to'achuuf vaalvii fayyadama.
Hoji-gaggeessaan olaanaan hospitaalichaa Mahaammad Nuurroo akka jedhanitti, meeshaan kun ujummoodhaan oksijiinii dhiyeessuu malees siilindaroota guutuu danda'a; sa'aatii tokkotti oksijiinii meetira kiyuubii 30 oomisha. “Dura yeroo warshaan oksijiinii keenya suphamuu ykn guutamuu barbaadu tajaajilli guutummaatti addaan cita ture. Rakkoon addaan cituu sun amma furameera,” jedhan.
Mahaammad akka ibsanitti, ujummoo oksijiinii hospitaalichaa diriirsuuf qarshii miliyoona 70 ta'u baheera. Meeshaan qarshii miliyoona lama itti bahe kun dhaabbilee fayyaa biyyattii keessatti filannoo hojii irra ooluu danda'uu fi baasii madaalawaa qabu ta'uu akka danda'u ibsaniiru.
Daandii gara kalaqa kanaatti
Mudhataan Adoolaatti dhalatee achumatti barate. Hospitaalicha hojii seenuu isaa dura barnoota teeknikaa fi ogummaa keessatti elektirooniksiidhaan ragaa gahumsa sadarkaa lammaffaa argate. Deeggarsa Ministeera Fayyaa fi dhaabbata Human Bridge tiin Yuunivarsiitii Dabra Maarqoositti teeknooloojii meeshaalee yaalaa barachuun dippiloomaa argateera. Saayinsii kompiitaraatiinis digrii jalqabaa qaba.

